Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 129

Zabuurii ol baʼuu.

1 Israaʼel akkana haa jedhu;

"Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

garuu na hin moʼanne.

3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;

boʼoo isaaniis ni dheeressan.

4 Rabbii Allaahan garuu qajeelaa dha;

funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera."

5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu,

qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.

6 Isaan akka marga bantii manaa irraa

kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;

7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,

yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.

8 Warri achiin darban, "Eebbi Rabbii Allaah isiniif haa taʼu;

maqaa Rabbii Allaahatiin isin eebbifna" isaaniin hin jedhin.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também