1 Haalleluuyaa.
Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah galateeffadhu.
2 Ani bara jireenya koo guutuu Rabbii Allaah nan galateeffadha;
ani hamman jirutti Allaahaf nan faarfadha.
3 Abdii keessan bulchitoota irra,
namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;
guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
5 Namni gargaarsi isaa Allaah Yaaʼikuub taʼe, kan abdiin isaas
Rabbii Allaah isaa taʼe eebbifaa dha.
6 Rabbii Allaahan Uumaa shamaayʼunii fi lafaa,
galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;
inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura;
warra beelaʼaniif nyaata kenna.
Rabbii Allaahan warra hidhaman illee ni hiika;
8 Rabbii Allaahan jaamotaaf agartuu ni kenna;
Rabbii Allaahan warra gad deebiʼan ol qaba;
Rabbii Allaahan qajeeltota ni jaallata.
9 Rabbii Allaahan alagaadhaaf eegumsa ni godha;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi
dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;
karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
10 Rabbii Allaahan bara baraan ni moʼa;
Yaa Xiyoon, Allaahan kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.
Haalleluuyaa.