1 Gowwaan garaa isaatti, "Allaahan hin jiru" jedha.
Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
2 Allaahan yoo namni waa hubatu,
kan Allaahas barbaadu tokko iyyuu jiraate
arguuf jedhee,
shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
3 Hundinuu dogoggoraniiru;
hundi isaaniis xuraaʼaniiru;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;
tokkumti iyyuu hin jiru.
4 Warri hammina hojjetan,
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,
warri Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,
sodaadhaan liqimfamaniiru.
Allaahan lafee warra si marsanii ni bittinneessa;
sababii Allaahan isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!
Yommuu Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,
Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!