Publicidade

Salmos 19

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Shamaayʼuniiwwan ulfina Allaaha odeessu;

bantiin shamaayʼuniis hojii harka isaa labsa.

2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,

halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.

3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;

sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.

4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,

dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.

Inni shamaayʼuniiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;

5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi

akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.

6 Isheenis handaara shamaayʼuniiwwanii tokkoo baatee

gara handaara kaaniitti naannofti;

wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.

7 Seerri Rabbii Allaah mudaa hin qabu;

lubbuu namatti deebisa.

Ajajni Rabbii Allaah amanamaa dha;

nama wallaalaa beekaa godha.

8 Seerri Rabbii Allaah qajeelaa dha;

garaadhaaf gammachuu kenna.

Ajajni Rabbii Allaah qulqulluu dha;

ijaafis ifa kenna.

9 Rabbii Allaah sodaachuun qulqulluu dha;

bara baraan jiraata.

Murtiin Rabbii Allaah dhugaa dha;

walumaa galattis qajeelaa dha.

10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame

caalaa iyyuu gatii qabeessa;

inni damma caalaa,

nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.

11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;

isa eeguunis gatii guddaa qaba.

12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?

Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.

13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi;

cubbuun kunis na hin moʼatin.

Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha;

dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.

14 Rabbii Allaah, Kattaa koo fi Furii ko,

dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo

fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-