Publicidade

Salmos 86

Duʼaa Daawud.

1 Rabbii Allaah, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef,

na dhagaʼiitii deebii naa kenni.

2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi.

Ati Allaah koo ti;

garbicha kee kan si amanatu oolchi.

3 Yaa Gooftaa na maari;

ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.

4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;

yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.

5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;

warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.

6 Rabbii Allaah, duʼaa koo dhagaʼi;

iyya waammata koos dhaggeeffadhu.

7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha;

ati deebii naa kennitaatii.

8 Yaa Gooftaa, waaqeffatamtoota keessaa kan akka keetii hin jiru;

hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.

9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,

fuula kee duratti ni sagadu;

maqaa keetiifis ulfina fidu.

10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;

Allaahan suma qofa.

11 Rabbii Allaah, karaa kee na barsiisi;

anis dhugaa keetiin nan bula;

akka ani maqaa kee sodaadhuuf,

garaa gargar hin qoodamne naa kenni.

12 Yaa Allaah koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.

13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii;

lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.

14 Yaa Allaah, of tuultonni natti kaʼaniiru;

tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne

lubbuu koo galaafachuu barbaadu.

15 Yaa Gooftaa, ati garuu Allaah garaa laafessaa fi arjaa dha;

daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.

16 Gara kootti deebiʼiitii na maari;

jabina kee tajaajilaa keetii kenni;

ilma garbittii keetiis oolchi.

17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif,

mallattoo gaarummaa keetii naa kenni;

yaa Rabbii Allaah, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-