Publicidade

Salmos 26

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, sababii ani jireenya hirʼina

hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi;

anis utuu asii fi achi hin raafamin,

Rabbii Allaah amanadheera.

2 Rabbii Allaah, qoriitii na ilaali;

garaa koo fi qalbii koo qori;

3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;

anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.

4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu,

yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;

5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba;

hamoota wajjinis hin taaʼu.

6 Rabbii Allaah, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha;

iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.

7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha;

dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.

8 Rabbii Allaah, mana ati keessa jiraattu,

iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.

9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos

warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;

10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru

kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.

11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha;

ati na furi; araaras naa buusi.

12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata;

waldaa guddaa keessattis Rabbii Allaah nan jajadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-