1 Ani obsaan Rabbii Allaah nan eeggadhe;
innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
2 Inni boolla sodaachisaa keessaa,
dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase;
miilla koo kattaa irra dhaabe;
ejjeta koos naa jabeesse.
3 Innis faarfannaa haaraa,
Zabuurii galataas afaan koo keessa Allaah keenyaaf kaaʼe.
Namoonni baayʼeen arganii Rabbii Allaah sodaatu;
isas ni amanatu.
4 Namni Rabbii Allaah abdatu,
kan gara of tuultotaa hin ilaalle,
namni warra karaa irraa jalʼatanii
waaqeffatamtoota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
5 Yaa Rabbii Allaah ko,
dinqiin ati hojjette baayʼee dha;
waan ati nuuf yaadde,
namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu
tokko iyyuu hin jiru;
yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee,
baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene;
gurra koo garuu naa banteerta;
aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; "Ani kunoo ti; ani dhufeera;
waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
8 Yaa Allaah ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;
seerri kee garaa koo keessa jira."
9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa;
Rabbii Allaah, akkuma ati beektu,
ani afaan koo hin qabadhu.
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu;
waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa;
jaalala keetii fi dhugaa kees
yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
11 Rabbii Allaah araara kee na hin dhowwatin;
jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii;
cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera;
cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata;
onneen koos na keessatti laafteerti.
13 Rabbii Allaah, na fayyisuutti gammadi;
yaa Rabbii Allaah, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu,
haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis.
Warri badii koo hawwan hundi,
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
15 Warri, "Baga! Baga!" anaan jedhan,
qaanii isaaniitiin haa rifatan.
16 Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan.
Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda,
"Rabbii Allaahan guddaa dha!" haa jedhan.
17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;
taʼus Gooftaan naaf yaada.
Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti;
yaa Allaah ko, hin turin.