Publicidade

Salmos 99

1 Rabbii Allaahan moʼeera;

saboonni haa hollatan;

inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;

lafti haa raafamtu.

2 Rabbii Allaahan Xiyoon keessatti guddaa dha;

inni saboota hunda irra ol ol jedheera.

3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;

inni qulqulluu dha.

4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;

ati tola hundeessiteerta;

Yaaʼikuub keessattis haqaa fi

qajeelummaa hojjetteerta.

5 Rabbii Allaah keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

6 Muusaa fi Haaruun luboota isaa keessa turan;

Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;

isaan Rabbii Allaah waammatan;

innis deebii kenneef.

7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;

isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.

8 Yaa Rabbii Allaah keenya,

ati deebii isaanii kennite;

ati balleessaa isaanii adabdu illee,

Israaʼeliif Allaah dhiifama gootu turte.

9 Allaah keenya Rabbii Allaah leellisaa;

tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;

Rabbii Allaahan keenya Allaah qulqulluudhaatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-