Publicidade

Salmos 136

1 Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

2 Allaah waaqeffatamtootaatiif galata galchaa.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

5 inni ogummaa isaatiin shamaayʼuniiwwan uume;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

6 inni bishaanota irratti lafa diriirse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

7 inni ifa gurguddaa hojjete;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

10 inni hangafa Gibxi dhaʼe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

17 inni mootota gurguddaa dhaʼe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

18 inni mootota jajjaboo fixe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

24 inni harka diinota keenyaatii nu baase,

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

25 inni uumama hundaaf soora kenna;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

26 Allaah shamaayʼuniitiif galata galchaa.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-