Publicidade

Salmos 68

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Allaahan haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan;

warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.

2 Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi;

akkuma gagaan ibidda duratti baqu,

hamoonni fuula Allaaha duraa haa badan.

3 Qajeelonni garuu haa gammadan;

fuula Allaaha durattis baayʼee haa gammadan;

isaan gammachuudhaan haa ililchan.

4 Allaahaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Rabbii Allaah dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

5 Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

6 Allaahan warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa;

warra hidhamanis mana hidhaatii baasa;

finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.

7 Yaa Allaah, gaafa ati saba kee dura baate,

gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,

8 fuula Allaaha, Allaah Siinaa duratti,

fuula Allaaha, Allaah Israaʼel duratti,

lafti ni raafamte; shamaayʼuniiwwanis bokkaa roobsan.

9 Yaa Allaah, ati bokkaa baayʼee roobsite;

dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.

10 Sabni kee achi qubate;

yaa Allaah, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.

11 Gooftaan dubbii isaa kenne;

dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:

12 "Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan;

dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.

13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee,

isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee

baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti."

14 Yommuu Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

mootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.

15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa,

yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,

16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu,

ati maaliif tulluu Allaahan bulchuuf filate,

iddoo Rabbii Allaahan bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?

17 Gaariiwwan Allaaha kuma hedduu dha;

isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti;

Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.

18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti

boojuu baayʼee fudhate;

yaa Rabbii Allaah, yaa Allaah, ati achi jiraachuuf jettee,

namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.

19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,

Allaahan Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.

20 Allaahan keenya Allaah fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis

Rabbii Allaah Goofticha biraa dhufa.

21 Allaahan dhugumaan mataa diina isaa,

gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.

22 Gooftaan akkana jedha; "Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida;

tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;

23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf;

arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf."

24 Yaa Allaah, hiriirri kee mulʼateera;

hiriirri Allaah kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.

25 Fuula duraan faarfattoota,

dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture;

dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.

26 Waldaa guddaa keessatti Allaah jajadhaa;

yaaʼii Israaʼel keessattis Rabbii Allaah jajadhaa.

27 Biniyaam gosti xinnichi isaan dura deema;

tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan;

ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.

28 Yaa Allaah, humna kee ajaji;

yaa Allaah keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.

29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif

mootonni kennaa siif fidu.

30 Bineensota shambaqqoo keessaa,

karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu.

Warra meetii fidan gad deebisi.

Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.

31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu;

Itoophiyaanis daftee harka ishee Allaahatti balʼifatti.

32 Yaa mootummoota lafaa, Allaah faarfadhaa;

faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;

33 isa shamaayʼuniiwwan durii keessa gulufu,

isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.

34 Allaah ulfinni isaa Israaʼel irra jiru,

isa miidhaginni isaa

shamaayʼuniiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.

35 Yaa Allaah, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha;

Allaahan Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna.

Allaahan haa eebbifamu!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-