Publicidade

Salmos 25

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, ani lubbuu koo gara keetti

ol nan qaba.

2 Yaa Allaah koo ani sin amanadha.

Ati na hin qaanessin;

akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.

3 Namni si eeggatu tokko iyyuu

yoom iyyuu hin qaaneffamu;

warri sababii malee yakka hojjetan

garuu ni qaaneffamu.

4 Rabbii Allaah, karaa kee na argisiisi;

daandii kees na barsiisi;

5 ati Allaah Fayyisaa koo waan taateef,

dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;

anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

6 Rabbii Allaah, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;

isaan durumaa jalqabanii jiruutii.

7 Cubbuu afaan kootii

yookaan dogoggora koo hin yaadatin;

yaa Rabbii Allaah, gaarummaa keetiif jedhiitii

akkuma araara keetiitti na yaadadhu.

8 Rabbii Allaahan gaarii dha; tolaadhas;

kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.

9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;

karaa isaas isaan barsiisa.

10 Karaan Rabbii Allaah hundinuu

warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.

11 Rabbii Allaah, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu

maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.

12 Namni Rabbii Allaah sodaatu eenyu?

Allaahan karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.

13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti;

sanyiin isaas lafa dhaala.

14 Rabbii Allaahan icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu;

kakuu isaa illee isaan beeksisa.

15 Iji koo yeroo hunda gara Rabbii Allaah ilaala;

inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.

16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi;

ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.

17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera;

dhiphina koo keessaas na baasi.

18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali;

cubbuu koo hunda naa dhiisi.

19 Akka diinonni koo baayʼatan,

hammam akka cimsanii na jibban argi!

20 Lubbuu koo eegi; na oolchis;

sababii ani kooluu sitti galeef,

akka ani qaanaʼu na hin godhin.

21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi

qajeelummaan ana haa eegan.

22 Yaa Allaah, rakkina isaa hundumaa keessaa

Israaʼelin furi!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-