1 Na maari; yaa Allaah na maari;
lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.
Anis hamma balaan darbutti,
gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
2 Ani gara Allaah Waan Hundaa Oliitti,
gara Allaah haaloo naa baatuutti nan iyya.
3 Inni shamaayʼun irraa ergee na oolcha;
warra akka malee na ariʼan ni ifata;
Allaahan jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
4 Ani leencota gidduun jira;
ani bineensota nama nyaatan,
namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa
kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
5 Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;
lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.
Isaan karaa koo irratti boolla qotan;
garuu isaanumattu keessatti kufe.
7 Yaa Allaah, garaan koo hin raafamu;
garaan koo hin raafamu;
ani nan faarfadha; nan weeddisas.
8 Yaa lubbuu ko, dammaqi!
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!
Anis ganamaan nan dammaqa.
9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;
namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
10 Jaalalli kee guddaa dha; shamaayʼuniiwwanis gaʼaatii;
amanamummaan kees shamaayʼuniiwwan qaqqaba.
11 Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.