Publicidade

Salmos 23

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaahan tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

2 Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;

gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;

3 inni lubbuu natti deebisa.

Maqaa isaatiif jedhees

karaa qajeelaa irra na deemsisa.

4 Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

5 Ati utuma diinonni koo ilaalanuu

fuula koo duratti maaddii naa qopheessita.

Mataa koo zayitii dibda;

xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.

6 Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,

bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;

anis bara baraan, mana Rabbii Allaah keessa nan jiraadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-