Publicidade

Salmos 84

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,

iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!

2 Lubbuun koo oobdiiwwan Rabbii Allaah hawwiti;

akka malees itti gaggabdi;

onneen koo fi foon koo

Allaah jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.

3 Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,

Mootii koo fi Allaah ko,

iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,

girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.

4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;

isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.

5 Warri sirraa jabina argatan,

kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.

6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,

iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;

bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.

7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Allaaha duratti mulʼatanitti,

jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.

8 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu, duʼaa koo dhagaʼi;

yaa Allaah Yaaʼikuub na dhaggeeffadhu.

9 Yaa Allaah, gara gaachana keenyaa ilaali;

fuula dibamaa kee sanaas ilaali.

10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,

guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;

dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,

eegduu balbala mana Allaah koo taʼuu naa wayya.

11 Rabbii Allaahan, Allaahan aduu fi gaachanaatii;

Rabbii Allaahan surraa fi ulfina ni kenna;

inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.

12 Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,

namni si amanatu eebbifamaa dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-