1 Allaah jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa;
Allaah Yaaʼikuubiitiif gammachuudhaan ililchaa!
2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa;
baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.
3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti,
guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;
4 kun seera Israaʼeliif kenname,
ajaja Allaah Yaaʼikuub.
5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti,
waan kana Yuusufiif seera godhee dhaabe.
Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.
6 Innis akkana jedhe; "Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera;
harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.
7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche;
anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne;
bishaan Mariibaa birattis sin qore.
8 "Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa;
yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!
9 Allaahan ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin;
ana malee waaqeffatamaa biraa hin waaqeffatin.
10 Ani Rabbii Allaah kee,
kan Gibxii baasee isin fidee dha.
Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
11 "Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne;
Israaʼel anaaf hin bulle.
12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif
dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.
13 "Utuu sabni koo na dhaggeeffatee,
utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,
14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee
harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!
15 Warri Rabbii Allaah jibban fuula isaa duratti ni gugguufu;
adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora;
damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa."