Publicidade

Salmos 109

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Yaa Allaah ani galateeffadhu

ati hin calʼisin;

2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni,

afaan isaanii natti banatanii jiruutii;

isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.

3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan;

sababii tokko malees na lolan.

4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan;

ani garuu duʼaa nan godhadha.

5 Qooda waan gaarii hammina,

qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.

6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi;

sheeyxaannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.

7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu;

duʼaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.

8 Umuriin isaa haa gabaabbatu,

aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.

9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan;

niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.

10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan;

mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.

11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu;

buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.

12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin,

yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.

13 Sanyiin isaa haa dhumu;

maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.

14 Balleessaan abbootii isaa fuula Rabbii Allaah duratti haa yaadatamu;

cubbuun haadha isaas hin haqamin.

15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf,

cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Rabbii Allaah dura haa jiraatu.

16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota,

warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee

garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.

17 Inni abaaruu jaallate;

abaarsi sun isumatti haa deebiʼu;

inni eebbisuu hin jaallanne;

eebbis isa irraa haa fagaatu.

18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata;

abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena;

akkuma zayitiis lafee isaa lixa.

19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu,

sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.

20 Kaffaltiin Rabbii Allaahan warra na himatanii fi

warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.

21 Rabbii Allaah Gooftaa,

ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar;

gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.

22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii;

garaan koos na keessatti madaaʼeera.

23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera;

akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.

24 Jilbi koo soomaan dadhabeera;

dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.

25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera;

isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.

26 Yaa Rabbii Allaah ko, na gargaari;

akkuma jaalala keetiittis na oolchi.

27 Rabbii Allaah, akka wanni kun harka kee taʼe,

akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.

28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta;

yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu;

tajaajilaan kee garuu ni gammada.

29 Himattoonni koo salphina haa uffatan;

akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.

30 Ani afaan kootiin guddisee Rabbii Allaah nan galateeffadha;

waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.

31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee,

karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-