Publicidade

Salmos 72

Zabuurii Suleyimaan.

1 Yaa Allaah, murtii kee mootiidhaaf,

qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.

2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa;

hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.

3 Tulluuwwan badhaadhummaa,

gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.

4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma;

ijoollee rakkattootaa ni oolcha;

cunqursituu immoo ni barbadeessa.

5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti,

dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.

6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu,

akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.

7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara;

nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.

8 Innis galaanaa hamma galaanaatti,

Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.

9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu;

diinonni isaas biyyoo arraabu.

10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni

biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu;

mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.

11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu;

saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.

12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu,

hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.

13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa;

nama rakkataas duʼa jalaa baasa.

14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura;

dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.

15 Umuriin isaa haa dheeratu;

warqeen Shebaa isaaf haa kennamu.

Yeroo hunda duʼaa isaaf haa godhan;

guyyaa guutuus isa haa eebbisan.

16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu;

fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu.

Iji isaa akka Libaanoon haa tolu;

akka marga lafaas haa misu.

17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu;

Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu.

Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu;

jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.

18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu,

Rabbii Allaahan, Allaahan Israaʼel haa eebbifamu.

19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu;

lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.

Ameen; Ameen.

20 Duʼaan Daawud ilma Isseey as irratti xumurame.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-