Publicidade

Salmos 89

Maskiilii Eetaan Izraahichaa.

1 Ani waaʼee araara Rabbii Allaah bara baraan nan faarfadha;

afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.

2 Akka araarri kee bara baraan jiraatu,

akka ati amanamummaa kee shamaayʼun keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.

3 Ati akkana jetteerta; "Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera;

Daawud tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;

4 ‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba;

teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ "

5 Rabbii Allaah, shamaayʼuniiwwan dinqii kee jaju;

yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.

6 Shamaayʼun keessatti eenyutu Rabbii Allaahan qixxaachuu dandaʼa?

Uumamawwan shamaayʼun keessaa kan Rabbii Allaah fakkaatu eenyu?

7 Allaahan waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama;

warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.

8 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu?

Rabbii Allaah, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.

9 Ati raafama galaanaa ni moota;

yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.

10 Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite;

irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.

11 Shamaayʼuniiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti;

ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.

12 Kaabaa fi kibba situ uume;

Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.

13 Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha;

harki kee mirgaas ol kaʼeera.

14 Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti;

araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.

15 Rabbii Allaah, warri siif ililchuu beekan,

warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.

16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu;

qajeelummaa keetiinis si jajatu.

17 Ati ulfina jabina isaanii ti;

jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.

18 Dhugumaan gaachanni keenya kan Rabbii Allaah ti;

kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.

19 Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti

mulʼataan dubbatteerta:

"Ani loltuu tokkoof humna kenneera;

dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.

20 Ani garbicha koo Daawudin argadheera;

zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.

21 Harki koo isa wajjin jira;

irreen koos isa jajjabeessa.

22 Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu;

namni hamaanis isa hin hacuucu.

23 Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa;

warra isa jibbanis nan dhaʼa.

24 Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata;

gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.

25 Ani harka isaa galaana irra,

harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.

26 Innis, ‘Ati Abbaa koo ti;

Allaah koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.

27 Anis ilma koo hangafa,

kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.

28 Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa;

kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.

29 Hidda sanyii isaa bara baraan,

teessoo isaa illee hamma shamaayʼuniiwwan jiraatanitti nan dhaaba.

30 "Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan,

yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,

31 yoo isaan sirna koo cabsanii

ajaja koo illee eeguu baatan,

32 ani cubbuu isaanii uleedhaan,

yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;

33 ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu;

yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.

34 Ani kakuu koo hin cabsu;

yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.

35 Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera;

ani Daawudin hin sobu.

36 Sanyiin isaa bara baraan itti fufa;

teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;

37 akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata;

hamma shamaayʼuniiwwan jiranittis cimee dhaabata."

38 Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas;

isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.

39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta;

gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.

40 Dallaa isaa hunda caccabsiteerta;

daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.

41 Warri achiin darban hundi isa saamu;

olloonni isaas itti qoosu.

42 Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta;

akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.

43 Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta;

waraana keessattis isa hin gargaarre.

44 Surraa isaa isa irraa balleessiteerta;

teessoo isaas lafatti gatteerta.

45 Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta;

qaaniidhaanis isa haguugdeerta.

46 Rabbii Allaah, kun hamma yoomiitti?

Ati bara baraan of dhoksitaa?

Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?

47 Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu.

Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!

48 Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu

yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti?

49 Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin

Daawudiif kakatte sun eessa jira?

50 Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame,

akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;

51 yaa Rabbii Allaah, qoosaa diinonni kee natti qoosan,

kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.

52 Galanni bara baraan Rabbii Allaahaf haa taʼu!

Ameen; Ameen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-