Publicidade

Salmos 37

Zabuurii Daawud.

1 Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin

yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.

2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;

akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.

3 Rabbii Allaah amanadhu; waan gaariis hojjedhu;

biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.

4 Rabbii Allaahatti gammadi;

innis hawwii garaa keetii siif guuta.

5 Karaa kee Rabbii Allaahatti kennadhu;

isa amanadhu; inni siif milkeessa.

6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,

murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.

7 Rabbii Allaah duratti calʼisi;

obsaanis isa eeggadhu;

nama karaan isaa qajeeleefitti,

kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.

8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;

hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.

9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;

warri Rabbii Allaah abdatan garuu lafa dhaalu.

10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;

yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.

11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;

nagaa guddaadhaanis ni gammadu.

12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;

ilkaan isaaniis isatti qaratu;

13 Gooftaan hamootatti ni kolfa;

inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.

14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi

rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,

warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,

goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.

15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;

iddaan isaaniis ni caccaba.

16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,

waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;

17 humni hamootaa ni cabaatii;

Rabbii Allaahan garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.

18 Rabbii Allaahan bara tolootaa ni beeka;

dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.

19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;

bara beelaa keessas ni quufu.

20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;

diinonni Rabbii Allaahas akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;

isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.

21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu;

garuu deebisanii of irraa hin baasan;

qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;

22 warri Rabbii Allaahan eebbisu lafa ni dhaalu;

warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.

23 Adeemsi nama Rabbii Allaah biraa ajajama;

inni karaa namicha sanaatti ni gammada.

24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;

Rabbii Allaahan harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.

25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;

garuu qajeeltonni gatamuu isaanii

yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.

26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;

ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.

27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;

yoos ati bara baraan ni jiraatta.

28 Rabbii Allaahan murtii qajeelaa jaallataatii;

warra isaaf amanamanis hin gatu.

Isaanis bara baraan ni eegamu;

sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.

29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu;

bara baraanis ishee irra ni jiraatu.

30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;

arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.

31 Seerri Allaah isaa garaa isaa keessa jira;

miilli isaas hin mucucaatu.

32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;

isaan ajjeesuus ni barbaadu;

33 Rabbii Allaahan garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu

yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,

akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.

34 Rabbii Allaah eeggadhu; karaa isaas eegi.

Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;

atis badiisa hamootaa ni argita.

35 Nama hamaa fi gara jabeessa,

isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.

36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;

ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.

37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;

sanyiin nama nagaa hin baduutii.

38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;

galgalli nama hamaas hin tolu.

39 Fayyinni qajeeltotaa Rabbii Allaah biraa dhufa;

inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.

40 Rabbii Allaahan isaan gargaara; isaan oolchas;

harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;

isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-