1 Rabbii Allaah, namoota hamoo jalaa na baasi;
namoota finciltoota
2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii
guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;
hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
4 Rabbii Allaah, harka hamootaa narraa eegi;
namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;
ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;
karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
6 Rabbii Allaah, ani, "Ati Allaah koo ti" siin nan jedha.
Rabbii Allaah, waammata koo dhagaʼi.
7 Rabbii Allaah Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,
ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
8 Rabbii Allaah, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;
akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
9 Mataan warra na marsanii,
hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;
isaan ibiddatti illee haa darbataman;
akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;
namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
12 Rabbii Allaahan rakkattootaaf falmee
hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;
namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.