Publicidade

Salmos 142

Maaskiilii Daawud

1 Ani gara Rabbii Allaahatti nan iyya;

sagalee kootiinis fuula Rabbii Allaah duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.

2 Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;

dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.

3 Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,

situ karaa koo beeka.

Namoonni daandii ani deemu irra,

kiyyoo naa kaaʼaniiru.

4 Gara mirga koo ilaali; argis;

namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;

ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;

namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.

5 Rabbii Allaah, sitti nan iyyadha;

"Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;

biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti" nan jedha.

6 Ani abdii kutadheeraatii,

duʼaa koo naa dhagaʼi;

warra na ariʼatan jalaa na baasi;

isaan akka malee natti cimaniiruutii.

7 Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,

lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.

Sababii ati waan gaarii naa gooteef,

qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-