Publicidade

Salmos 2

1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu?

Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?

2 Mootonni lafaa kaʼanii,

bulchitoonnis Rabbii Allaah fi Al-Masiihii isaatiin mormuuf

walitti qabaman;

3 isaanis, "Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa;

hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa" jedhu.

4 Inni shamaayʼun keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa;

Gooftaanis isaanitti qoosa.

5 Innis aarii isaatiin isaan ifata;

dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;

6 innis, "Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra,

mootii koo teessifadheera" jedha.

7 Ani seera Rabbii Allaah nan labsa:

innis akkana anaan jedhe; "Ati ilma koo ti;

ani harʼa si dhalcheera.

8 Na kadhadhu;

ani saboota dhaala kee,

handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.

9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita;

akka qodaa supheettis isaan hurreessita."

10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa;

bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.

11 Sodaadhaan Rabbii Allaah tajaajilaa;

hollachaas gammadaa.

12 Akka inni hin aarreef,

isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa;

dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii.

Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-