1 Ani waaʼee cubbamootaa,
ergaa Allaah bira dhufe garaa koo keessaa qaba:
Allaah sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis,
isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha;
isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu;
karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
5 Rabbii Allaah, araarri kee shamaayʼuniiwwan bira,
amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti;
murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti.
Rabbii Allaah, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
7 Yaa Allaah, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu;
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.
10 Jaalala kee warra si beekaniif,
qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin;
harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru;
gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!