1 Rabbii Allaah, ani kooluu sitti galeera;
ati gonkumaa na hin qaanessin;
qajeelummaa keetiin na oolchi.
2 Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;
kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi;
na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
3 Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
4 Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef,
kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
5 Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha;
yaa Rabbii Allaah dhugaa, ati na furi.
6 Ani warra waaqeffatamtoota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba;
Rabbii Allaah garuu nan amanadha.
7 Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas;
ati dhiphina koo argiteertaatii;
rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
8 Ati dabarsitee diinatti na hin kennine;
miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
9 Rabbii Allaah, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi;
iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
10 Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera;
jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera;
lafeen koos xuuxameera.
11 Sababii diinota koo hundaatiif,
ani olloota koo biratti waan sodaachisaa,
michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera;
warri karaa irratti na arganis na baqatu.
12 Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera;
akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
13 Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii;
kallattii hundaan sodaatu jira!
Isaan natti malatanii
lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
14 Rabbii Allaah, ani garuu sin amanadha;
"Ati Allaah koo ti" nan jedha.
15 Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,
warra na ariʼatan harkaas na baasi.
16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu;
jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
17 Rabbii Allaah, ani hin qaaneffamin;
ani si waammadheeraatii;
warri hamoon garuu haa qaaneffaman;
calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan.
18 Afaan soba dubbatu,
kan of tuulummaa fi tuffiidhaan,
nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
19 Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,
kan ati fuula namootaa duratti
warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
20 Daʼoo fuula keetiitiin,
waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita;
dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
21 Rabbii Allaahan haa eebbifamu;
inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti,
jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
22 Ani yeroon akka malee dhiphadhetti,
"Ani fuula kee duraa badeera!" jedheen ture.
Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti,
duʼaa koo naa dhageesse.
23 Qulqulloonni isaa hundinuu, Rabbii Allaah jaalladhaa!
Rabbii Allaahan amanamoota ni eega;
of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
24 Warri Rabbii Allaah abdattan hundinuu jabaadhaa;
garaan keessan hin sodaatin.