Publicidade

Salmos 51

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud. Zabuurii kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan nabiiʼiyyichi gara isaa dhufetti faarfate.

1 Yaa Allaah, akkuma jaalala kee

kan hin geeddaramne sanaatti na maari;

akkuma baayʼina araara keetiitti,

yakka koo narraa haqi.

2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;

cubbuu koo irraas na qulqulleessi.

3 Ani yakka koo beekaatii;

cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.

4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;

waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;

kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;

yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.

5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe;

yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.

6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita;

kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.

7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa;

na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.

8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi;

lafeen ati caccabsites haa ililchu.

9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu;

yakka koo hundas narraa haqi.

10 Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;

Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

11 Fuula kee duraa na hin balleessin;

Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.

12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;

na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.

13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa;

cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu.

14 Yaa Allaah, Allaah na Fayyiftu,

ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi;

arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata.

15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani;

afaan koos galata kee labsa.

16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture;

aarsaa gubamuttis hin gammaddu.

17 Aarsaan Allaahan fudhatu hafuura cabaa dha;

Yaa Allaah, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.

18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi;

dallaa Yerusaalem ijaari.

19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi

qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda;

korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-