1 Yaa Allaah na maari;
diinonni koo akka malee na ariʼu;
guyyaa guutuus na cunqursu.
2 Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;
namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
3 Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
4 Allaah ani dubbii isaa jajadhu,
Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
5 Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;
na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
6 Isaan ni mariʼatu; ni riphus;
lubbuu koo galaafachuuf jedhanii
tarkaanfii koo eeggatu.
7 Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;
yaa Allaah, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
8 Gadadamu koo galmeessi;
imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;
isaan galmee kee keessa jiru mitii?
9 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,
diinonni koo dugda duuba deebiʼu.
Anis kanaan akka Allaahan na wajjin jiru beeka.
10 Allaah ani dubbii isaa jajadhu,
Rabbii Allaahan ani dubbii isaa jajadhu,
11 Allaah nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?
12 Yaa Allaah wareegni kee narra jira;
aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
13 Akka ani fuula Allaaha dura,
ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,
ati lubbuu koo duʼa jalaa,
miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.