Publicidade

Salmos 100

Zabuurii Galataa.

1 Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa.

2 Gammachuudhaan Rabbii Allaah waaqeffadhaa;

faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

3 Akka Rabbii Allaah taʼe beekaa;

isattu nu uume; nu kan isaa ti;

nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.

4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

5 Rabbii Allaahan gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;

amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-