Publicidade

Salmos 42

Dura buʼaa Zabuuriiwwaniitiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.

1 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,

yaa Allaah ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.

2 Lubbuun koo Allaahan Allaah jiraataa dheebotti.

Ani yoomin dhaqee fuula Allaaha arga?

3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera;

namoonni guyyaa guutuu "Allaahan kee eessa jira?" anaan jedhuutii.

4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti,

lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa:

ilillee fi zabuurii galataatiin

tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko,

hiriiraan gara mana Allaahatti geggeessaa

tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.

5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Allaah irra keeyyadhu;

ani amma iyyuu isa nan jajadha.

Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti;

kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa,

fiixee Hermoonii fi

Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.

7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin,

tuujubni tuujuba waama;

dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.

8 Rabbii Allaahan guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;

halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;

kunis duʼaa ani Allaah jireenya kootii duratti godhadhuu dha.

9 Anis Allaah Kattaa kootiin akkana nan jedha;

"Ati maaliif na dagatte?

Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?"

10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu,

"Allaahan kee eessa jira?" jedhanii natti qoosudhaan,

akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.

11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-