Publicidade

Salmos 126

Zabuurii ol baʼuu.

1 Yeroo Rabbii Allaahan warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,

nu akka warra abjuu abjootanii taane.

2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo

faarfannaa gammachuutiin guutame.

Kana irratti saboota gidduutti,

"Rabbii Allaahan waan guddaa isaaniif godheera" jedhame.

3 Rabbii Allaahan waan guddaa nuuf godhe;

nus ni gammanne.

4 Rabbii Allaah, akkuma lagoota Negeeb,

boojuu keenya nuu deebisi.

5 Warri imimmaaniin facaasan,

faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.

6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,

bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-