1 Nuuf miti; yaa Rabbii Allaah, nuuf miti;
garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii
maqaa keetiif ulfina kenni.
2 Saboonni maaliif,
"Allaahan isaanii eessa jira?" jedhu?
3 Allaahan keenya shamaayʼun keessa jira;
inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
4 Waaqeffatamtoonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;
miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;
laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
8 Warri isaan tolchan
kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9 Yaa mana Israaʼel, Rabbii Allaah amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
10 Yaa mana Haaruun, Rabbii Allaah amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
11 Isin warri isa sodaattan, Rabbii Allaah amanadhaa;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12 Rabbii Allaahan nu yaadata; nu eebbisas;
inni mana Israaʼel ni eebbisa;
mana Haaruunis ni eebbisa;
13 inni warra Rabbii Allaah sodaatan,
xinnaas guddaas ni eebbisa.
14 Rabbii Allaahan, isinii fi
ijoollee keessan haa baayʼisu.
15 Rabbii Allaahan shamaayʼun fi
lafa Uume sun isin haa eebbisu.
16 Shamaayʼuniin shamaayʼuniiwwanii oliis kan Rabbii Allaah ti;
lafa garuu inni namaaf kenneera.
17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan
Rabbii Allaah galateeffachuu hin dandaʼan;
18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan
Rabbii Allaah ni eebbifna.
Haalleluuyaa.