Publicidade

Salmos 147

1 Haalleluuyaa.

Zabuuriidhaan Allaah galateeffachuun akkam gaarii dha;

isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

2 Rabbii Allaahan Yerusaalemin ni ijaara;

Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.

3 Warra garaan cabe ni fayyisa;

madaa isaaniis walitti hodha.

4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;

tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.

5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;

hubannaan isaas dhuma hin qabu.

6 Rabbii Allaahan warra gad qabaman ni jiraachisa;

hamoota garuu lafatti darbata.

7 Galata galchaa Rabbii Allaah faarfadhaa;

baganaadhaanis Allaah keenyaaf weeddisaa.

8 Inni shamaayʼuniiwwani duumessaan haguuga;

lafaafis bokkaa kenna;

tulluuwwan irrattis marga biqilcha.

9 Horiidhaaf waan isaan dheedan,

yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.

10 Inni jabina fardaatti hin gammadu;

yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;

11 Rabbii Allaahan warra isa sodaatanitti,

warra araara isaa abdatanitti ni gammada.

12 Yaa Yerusaalem, Rabbii Allaah galateeffadhu;

Yaa Xiyoon Allaah kee galateeffadhu.

13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;

ijoollee kees si keessatti eebbisa.

14 Daarii keetiif nagaa kenna;

qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.

15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;

dubbiin isaas ni ariifata.

16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;

qorras akkuma daaraatti bittinneessa.

17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.

Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;

bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.

19 Inni dubbii isaa Yaaʼikuubitti,

seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.

20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;

isaan seera isaa hin beekan.

Haalleluuyaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-