1 Rabbii Allaah, namni Allaah sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;
ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;
isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
3 Rabbii Allaahan afaan nama saadu hunda,
arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
4 isaanis, "Nu arraba keenyaan ni moona;
hidhiin keenyas keenyuma;
eenyutu nurratti gooftummaa qaba?" jedhu.
5 Rabbii Allaahan, "Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,
sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.
Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa" jedha.
6 Dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;
innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee
yeroo torba qulqulleeffamee ti.
7 Rabbii Allaah ati nu eegda;
dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti
hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.