Publicidade

Salmos 41

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha;

guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan isa ni oolcha.

2 Rabbii Allaahan isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa;

lafa irratti isa eebbisa;

hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.

3 Rabbii Allaahan siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa;

fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.

4 Anis, "Rabbii Allaah na maari;

ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi" nan jedhe.

5 Diinonni koo hamminaan, "Inni yoom duʼee maqaan isaa

lafa irraa bada?" jedhanii waaʼee koo dubbatu.

6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti,

utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata;

gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.

7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu;

waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.

8 Isaanis, "Dhukkubni hamaan isa qabateera;

inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu" jedhu.

9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu,

inni ani amanadhe,

inni buddeena koo nyaate

koomee isaa natti ol fudhate.

10 Ati garuu yaa Rabbii Allaah na baasi;

akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.

11 Akka ati natti gammaddu ani beeka;

diinni koo narra hin aanuutii.

12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda;

baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.

13 Rabbii Allaahan Israaʼel,

bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.

Ameen; Ameen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-