1 Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;
lafti hundinuu Rabbii Allaah faarfadhaa.
2 Rabbii Allaah faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
3 Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
4 Rabbii Allaahan guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqeffatamtoota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
5 Waaqeffatamtoonni saboota ormaa hundinuu waaqeffatamtoota tolfamoodhaatii;
Rabbii Allaahan garuu shamaayʼuniiwwan uume.
6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
7 Yaa maatiiwwan sabootaa Rabbii Allaahaf kennaa;
ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf kennaa.
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;
aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Rabbii Allaah waaqeffadhaa;
isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
10 Saboota gidduutti, "Rabbii Allaahan mootii dha" jedhaa;
addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
11 Shamaayʼuniiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.
Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
13 Uumamni hundi fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;
inni lafatti murteessuuf ni dhufa.
Addunyaatti qajeelummaadhaan,
sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.