Zabuurii Ol baʼuu.
1 Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;
gargaarsi koo eessaa dhufa?
2 Gargaarsi koo Rabbii Allaah
shamaayʼunii fi lafa uume biraa dhufa.
3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu
hin mugu; hin rafus.
5 Rabbii Allaahan si eega;
Rabbii Allaahan karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
6 guyyaa aduun si hin gubu;
halkanis jiʼi si hin miidhu.
7 Rabbii Allaahan miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
8 Rabbii Allaahan ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.