Publicidade

Salmos 112

1 Haalleluuyaa.

Namni Rabbii Allaah sodaatu,

kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.

2 Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;

dhaloonni tolootaa ni eebbifama.

3 Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira;

qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.

4 Nama tolaa fi arjaadhaaf,

gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.

5 Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,

nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.

6 Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu;

namni qajeelaan bara baraan yaadatama.

7 Inni oduu hamaa hin sodaatu;

garaan isaas Rabbii Allaah amanachuudhaan jabaatee dhaabata.

8 Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus;

dhuma irrattis diinota isaa moʼata.

9 Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne;

qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata;

gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.

10 Namni hamaan waan kana argee aara;

ilkaan isaa qara; baqees ni bada;

hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-