Publicidade

Salmos 58

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo "Hin balleessin" jedhuun faarfatame. Zabuurii Daawudi. Miiktaamii.

1 Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii?

Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?

2 Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu;

harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.

3 Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu;

gadameessa haadha isaaniitii jalqabaniis karaa irraa goranii soba dubbatu.

4 Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti;

isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee

5 sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu

hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.

6 Yaa Allaah ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi;

qarriffaa leencotaas daaki, yaa Rabbii Allaah!

7 Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan;

yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.

8 Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti,

akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.

9 Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin,

jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.

10 Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada;

miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.

11 Yommus namoonni akkana ni jedhu;

"Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira;

dhugumaan Allaahan lafa irratti murtii kennu jira."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-