Publicidade

Salmos 80

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, "Daraaraa Kakuutiin" Faarfatame. Zabuurii Asaaf.

1 Yaa tiksee saba Israaʼel,

kan akkuma bushaayeetti Yuusufin geggeessitu nu dhagaʼi;

ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.

2 Fuula Efreem, Biniyaamii fi Minaasee duratti

humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.

3 Yaa Allaah, iddoo keenyatti nu deebisi;

akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

4 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu,

ati hamma yoomiitti duʼaa saba keetiitti aarta?

5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;

imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.

6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote;

diinonni keenyas nutti qoosu.

7 Yaa Allaah Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi;

akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde;

ormootas ariitee muka sana dhaabde.

9 Mukichaafis lafa qopheessite;

mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.

10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin,

birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.

11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti,

lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.

12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu

ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?

13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa;

bineensi dirrees isa ni nyaata.

14 Yaa Allaah Waan Hunda Dandeessu, si duʼaa gara keenyatti deebiʼi!

Shamaayʼun irraa gad ilaalii argi!

Muka wayinii kana eegi;

15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha;

biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.

16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera;

sabni kees dheekkamsa keetiin bada.

17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra,

ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.

18 Yoos nu sirraa hin garagallu;

jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.

19 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu

iddoo keenyatti nu deebisi;

akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-