Publicidade

Salmos 63

Zabuurii Daawud. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti.

1 Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge;

humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.

3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

4 Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti;

afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.

6 Ani siree koo irratti sin yaadadha;

halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.

7 Waan ati gargaarsa koo taateef,

ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.

8 Lubbuun koo sitti maxxanti;

harki kee mirgaa ol na qaba.

9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu

boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.

10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu;

nyaata waangoos ni taʼu.

11 Mootiin garuu Allaahatti ni gammada;

namni Allaahan kakatu hundinuu ulfina argata;

afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-