Publicidade

Salmos 33

1 Yaa qajeeltota, isin Rabbii Allaahatti gammadaa;

isa jajuun tolootaaf ni mala.

2 Kiraaraan Rabbii Allaah galateeffadhaa;

baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.

3 Zabuurii haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;

sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

4 Dubbiin Rabbii Allaah qajeelaadhaatii;

inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.

5 Rabbii Allaahan qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata;

laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.

6 Shamaayʼuniiwwan dubbii Rabbii Allaahatiin hojjetaman;

tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.

7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba;

bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.

8 Lafti hundi Rabbii Allaah haa sodaatu;

sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.

9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe;

inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.

10 Rabbii Allaahan marii sabootaa ni fashaleessa;

akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.

11 Karoorri Rabbii Allaah garuu bara baraan, yaadni garaa isaas

dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

12 Sabni Rabbii Allaah isaaf taʼe,

namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.

13 Rabbii Allaahan shamaayʼun irraa gad ni ilaala;

ilmaan namootaa hundas ni arga;

14 inni teessoo isaa irra taaʼee,

warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;

15 inni garaa nama hundumaa uumu sun,

hojii isaanii hunda ni hubata.

16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu;

jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.

17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;

guddinni humna isaas nama hin oolchu.

18 Garuu iji Rabbii Allaah warra isa sodaatan irra,

warra araara isaa abdatan irras jira;

19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;

bara beelaas isaan ni jiraachisa.

20 Lubbuun keenya abdiidhaan Rabbii Allaah eeggatti;

innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.

21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii;

nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.

22 Rabbii Allaah, akkuma nu abdii keenya

sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-