Publicidade

Salmos 16

Miiktaamii Daawud.

1 Yaa Allaah, ani kooluu sitti galeeraatii,

ati na eegi.

2 Anis Rabbii Allaahan, "Ati Gooftaa koo ti;

ani si malee gaarummaa hin qabu" nan jedha.

3 Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha;

anis isaanitti baayʼee nan gammada.

4 Warra waaqeffatamtoota tolfamoo duukaa buʼan,

gaddi isaanii ni guddata.

Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu;

yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.

5 Rabbii Allaahan qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti;

ixaa koos situ naa jiraachisa.

6 Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera;

dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.

7 Rabbii Allaah isa na gorsu sana ani nan jajadha;

halkanis yaadni koo na qajeelcha.

8 Ani yeroo hunda fuula koo duraa Rabbii Allaah qaba.

Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

9 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;

foon koos nagaadhaan jiraata;

10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,

yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.

11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis

gammachuudhaan na guutta;

gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-