Publicidade

Salmos 64

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Yaa Allaah, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi;

lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.

2 Marii jalʼootaa duraa,

mala namoota hamoo duraas na dhoksi.

3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan;

dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.

4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu;

akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.

5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu;

waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu;

"Eenyutu isa arguu dandaʼa?" jedhaniis ni yaadu.

6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan,

"Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!" jedhu;

yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.

7 Allaahan garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa;

isaanis akkuma tasaa madaaʼu.

8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa;

warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.

9 Namoonni hundinuu ni sodaatu;

isaan hojii Allaaha ni labsu;

waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.

10 Namni qajeelaan Rabbii Allaahatti gammada;

isattis kooluu gala;

gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-