Publicidade

Salmos 27

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;

ani eenyunan sodaadha?

Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;

eenyutu na sodaachisa?

2 Namoonni hamoon yommuu

foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,

diinonni koo fi amajaajonni koo

yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.

3 Yoo duulli na marse illee,

garaan koo hin sodaatu;

yoo waraanni natti baname illee

ani hin raafamu.

4 Ani waan tokko Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha;

waan kanas nan barbaada:

Kunis bara jireenya kootii guutuu

mana Rabbii Allaah keessa jiraachuu,

miidhagina Rabbii Allaah ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa

keessatti isa duʼaa gochuu dha.

5 Inni guyyaa rakkinaa

iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;

daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;

kattaa gubbaattis ol na baasa.

6 Yommus diinota na marsanii olitti

mataan koo ol jedha;

dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;

Rabbii Allaahaf nan faarfadha; nan weeddisas.

7 Rabbii Allaah, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;

naaf araarami; deebiis naaf kenni.

8 Yommuu ati, "Fuula koo barbaadaa!" jettetti,

garaan koo, "Rabbii Allaah, ani fuula kee nan barbaada" siin jedha.

9 Fuula kee na duraa hin dhoksin;

aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;

ati gargaaraa koo taateerta.

Yaa Allaah, Fayyisaa ko,

na hin gatin; na hin dhiisinis.

10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,

Rabbii Allaahan na simata.

11 Rabbii Allaah, karaa kee na barsiisi;

sababii ani diinota baayʼee qabuuf

daandii qajeelaa irra na buusi.

12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;

dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;

isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.

13 Anis biyya jiraattotaa keessatti

gaarummaa Rabbii Allaah akkan argu

amma iyyuu nan amana.

14 Rabbii Allaah eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Rabbii Allaah eeggadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-