Publicidade

Salmos 116

1 Ani Rabbii Allaah nan jaalladha;

inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.

2 Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef,

ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.

3 Kiyyoon duʼaa na marse;

dhiphinni Siiʼoolis na qabate;

ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame.

4 Anis, "Rabbii Allaah na oolchi!" jedhee

maqaa Rabbii Allaah nan waammadhe.

5 Rabbii Allaahan arjaa fi qajeelaa dha;

Allaahan keenya gara laaffessa.

6 Rabbii Allaahan garraamota ni eega;

yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.

7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi;

Rabbii Allaahan waan gaarii siif godheeraatii.

8 Ati yaa Rabbii Allaah lubbuu koo duʼa irraa,

ija koo imimmaan irraa,

miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,

9 ani biyya warra jiraatoo keessa,

fuula Rabbii Allaah dura nan jiraadha.

10 Ani yeroo, "Ani baayʼee dhiphadheera" jedhetti,

amantii koo eeggadheera.

11 Ani yommuun burjaajaʼetti,

"Namni hundinuu sobduu dha" nan jedhe.

12 Waan gaarii inni naa godhe hundaaf,

ani Rabbii Allaahaf maalan deebisa?

13 Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee

maqaa Rabbii Allaah nan waammadha.

14 Fuula saba isaa hundumaa duratti,

ani wareega koo Rabbii Allaahaf nan galcha.

15 Duuti qulqulloota isaa,

fuula Rabbii Allaah duratti ulfina qaba.

16 Rabbii Allaah, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti;

ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti;

ati foncaa koo narraa hiikteerta.

17 Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa;

maqaa Rabbii Allaahas nan waammadha.

18 Iddoo sabni isaa hundi jirutti,

ani wareega koo Rabbii Allaahaf nan galcha;

19 yaa Yerusaalem si keessatti,

oobdii mana Rabbii Allaah irrattis nan galcha.

Haalleluuyaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-