1 Yaa Allaah, naa murteessi;
saba hin amanametti dubbii koo naa falmi;
gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
2 Ati Allaah jabina kootii ti.
Maaliif na gatte?
Ani maaliifin diinaan cunqurfamee
gaddaan jiraadha?
3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi;
isaan na haa qajeelchan;
gara tulluu kee qulqulluutti,
gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Allaaha,
gara Allaah gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa.
Yaa Allaah, Allaah ko,
ani baganaadhaan sin galateeffadha.
5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.