Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 15

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?

Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?

2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi

nama waan qajeelaa hojjetu,

nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi

3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne,

nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi

nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,

4 kan nama hamaa tuffatee warra Rabbii Allaah sodaatan garuu kabaju,

yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,

5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi

kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.

Namni wantoota kanneen hojjetu,

gonkumaa hin raafamu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também