Publicidade

Salmos 98

Zabuurii.

1 Rabbii Allaahaf faarfannaa haaraa faarfadhaa;

inni dinqii hojjeteeratii;

harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,

akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.

2 Rabbii Allaahan akka fayyisuun isaa beekamu godheera;

qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.

3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa

mana Israaʼeliif yaadateera;

daariin lafaa hundinuu,

fayyisuu Allaah keenyaa arganiiru.

4 Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa;

faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;

5 baganaadhaan faarfannaa galataa,

baganaa fi sagalee weedduutiin Rabbii Allaahaf faarfadhaa;

6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin,

fuula Rabbii Allaah mootichaa duratti ililchaa.

7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,

addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.

8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan;

tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;

9 isaan fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatan;

inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.

Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,

namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-