Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawud. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, "Daawud nu gidduu dhokatee jira" jedhanitti faarfatame.
1 Yaa Allaah, maqaa keetiin na fayyisi;
humna keetiinis naa murteessi.
2 Yaa Allaah, duʼaa koo naa dhagaʼi,
dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;
warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;
Isaanis warra Allaahaf ulfina hin kenninee dha.
4 Kunoo, Allaahan gargaaraa koo ti;
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;
atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;
yaa Rabbii Allaah, ani maqaa kee nan galateeffadha;
inni gaariidhaatii.
7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;
iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.