Publicidade

Salmos 62

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Zabuurii Daawud.

1 Lubbuun koo Allaah qofa eeggatti;

fayyinni koos isa biraa naa dhufa.

2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.

3 Isin hamma yoomiitti nama miitu?

Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,

akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?

4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,

guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;

isaan sobatti ni gammadu.

Afaan isaaniitiin ni eebbisu;

garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.

5 Lubbuun koo Allaah qofa obsaan eeggatti;

abdiin koo isa biraa dhufaatii.

6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.

7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Allaaha keessa jira;

kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Allaaha.

8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;

garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;

Allaahan iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;

gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;

yoo madaaliidhaan madaalaman

lachanuu qilleensa caalaa salphatu.

10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;

waan hatameenis hin koorinaa.

Yoo qabeenyi keessan guddate illee,

qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.

11 Allaahan yeroo tokko dubbate;

ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;

kunis akka humni kan Allaaha taʼee dha.

12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.

Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa

akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-