Publicidade

Salmos 20

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan deebii siif haa kennu;

maqaan Allaah Yaaʼikuubis si haa eegu.

2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;

Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.

3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;

qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.

4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu;

karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.

5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee

maqaa Allaah keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna.

Rabbii Allaahan waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.

6 Ani akka Rabbii Allaahan dibamaa isaa fayyisu amma beeka;

Allaahan humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan

shamaayʼun isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.

7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;

nu garuu maqaa Rabbii Allaah keenyaa amananna.

8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;

jabaannees ni dhaabanna.

9 Rabbii Allaah, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!

Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-